Ergaa
2026-11-28 06:44:08
Jiraattota Kutaa Magaalaa Boolee kabajamoo! Maqaa Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Booleetiin nagaa fi kabaja guddaan isin gaafadha. Kutaa Magaalaa Boolee kutaa magaalaa ammayyaa, misoomte, qulqulluu, magariituu, nageenya waaraa qabduu fi jireenyaaf mijattuu taasisuuf kutannoo olaanaadhaan hojjechaa jirra. Bulchiinsa keenya keessatti tajaajila mootummaa si’ataa, qulqullina qabu, haqa qabeessaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa irratti hundaa’e kennuun xiyyeeffannoo keenya isa guddaadha. Teknooloojii ammayyaa fayyadamuun tajaajila mootummaa dijitaalessuu, wiirtuuwwan kenna tajaajilaa cimsuu, hirmaannaa uummataa guddisuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf hojjechaa jirra. Mul’ata Magaalaa Adaamaa magaalaa ismaartii (Smart City) taasisuu keessatti Kutaan Magaalaa Boolee gahee olaanaa akka bahatuuf misooma bu’uuraalee misoomaa, kalaqa teknooloojii, carraa hojii uumuu, misooma magariisaa, nageenyaa fi fayyadamummaa hawaasaa irratti xiyyeeffannoon ni hojjenna. Marsariitiin keenya kun uummataa fi bulchiinsa gidduutti riqicha qunnamtii ta’uun, odeeffannoo yeroo isaa eeggate dabarsuu, tajaajiloota mootummaa salphaatti argamsiisuu, akkasumas yaadaa fi komii jiraattotaa simachuun qulqullina kenna tajaajilaa fooyyessuuf kan gargaarudha. Milkaa’inni keenya hirmaannaa, tumsa, amanamummaa fi kutannoo jiraattota keenyaa irratti hundaa’a. Kanaafuu, jiraattonni, abbootiin qabeenyaa, dargaggoonni, dubartoonni fi qooda fudhattoonni hundi misooma kutaa magaalaa keenyaa keessatti gahee isaanii akka bahan waamicha kabajaa isiniif dhiyeessa. Waliin hojjechuun, waliin jijjiiramuun, waliin badhaadhuun Boolee dhaloota har’aa fi boruuf mijattuu taate haa ijaarru! Boolee ammayyaa, dijitaalaa fi badhaatuu haa ijaarru!